Region: Tyskland
Migration

Waliigaltee waa'ee baqattoota biyyatti deebisuu paarlamaan Awuroopaa mootummaa itoophiyaatin walii

Initiativtagaren är inte offentlig
Petitionen är riktat mot
Bundesregierung, Bundestag, Bundesrat

504 Signaturer

Initiativtagaren skickade inte in petitionen.

504 Signaturer

Initiativtagaren skickade inte in petitionen.

  1. Startad 2018
  2. Insamlingen är klar
  3. Inlämnad
  4. Dialog
  5. Misslyckade

Petition richtet sich an: Bundesregierung, Bundestag, Bundesrat

Gamtaan Awurooppaa mootummaa Itoophiyaatin walii galee baqattoota Itoophiyaa biyyoota awurooppaa gara garaa keessa jiraatan gara biyyatti deebisuu akka barbaadu fi akkaatuma 15496/17 MIGR 229 COAFR 323 walii galuun ni yaadatama. Nuti Jarmaniin dhimma walii galtee kana fudhachuu akka didduu fi mallatteessuus akka hin qabne , akkasumas qaamolee biroo dhimmi kun hojirra akka ooluf tattaafatan irrattis dhiibbaa akka uumtu kabajaan gaafanna. Kana malees, jarmaniin cabiinsa mirga namummaa yeroo amma Itoophiyaa keessatti ta’aa jiru haala qabatamaa ammaa sababa godhachuun dhimma qorannaa baqattoota Ittoophiyaa karaa sirrii ta’een akka ilaaltu gaafanna. Akkasumas lammiileen kola galtummaan as jiraatan kunniin carraa hojii walqixaa akka argatan kabajan gafaanna.

Balballoomsa Dookumentiin 15496/17 MIGR 229 COAFR Paarlamaa gamtaa Awurooppatiin gaafa guyyaa 06.12.2017 maxxaanfame akka jedhutti, baqattoonni Itoophiyaa waraqaan ittiin gara biyyatti deebi’an karaa embaasii itoophiyaatin yeroo gabaabaa keessatti xumurameefii, mootummaa itoophiyaa waliin walii galuun namoonni gara biyyaatti deebifaman kunniin immoo carraan hojii gaariin uumameefii biyyaatti akka deebifaman kan ibsuudha. Kun immoo sarbamiinsa mirga dhala namaa amma biyyattii keessatti adeemaa jiruun walfaallessa, sababni isaas Awuurooppaarra baqattoota deebifamaniif tajaajilli haqa qabeessa hin godhamuuf. Inumaa namoota deebi’an kana hidhaa, dararaa fi du’atu isaan eeggata. Sababa kana ta’eef,baqattoota asii kana immoo mootummaa Itoophiya amananii gara biyyatti deebisuun immoo wabii homaatuu hin qabu. Haalli amma biyyattii keessaa jiru immoo daran yaaddessaa ta’eera.keessattuummoo erga muummichi ministeera Hayilamaariyaam Dassaaleny gaafa guyyaa 16.02.2018 aangoo gaadhiisanii booda biyyattiin labsii muddamaa ji’aa jahaaf turu ifoomsiteerti. Kunimmoo mirgi lammiilee akka sarbamuu, miidiyaalen hawaasummaa akka bilisa hin taane godha.qaamni nageenya biyyaattii immoo kana dura yeroo nhiriirri gara garaa godhamuu waan hin malle lammiilerratti raawwachaa turuun ni yaadatama. Akka barbaadanitti socho’uu dhabuu dura buutota paartii mormituu dhiheenya kana gadhiifaman

kan akka Dr. Mararaa Guddinaa fi Baqqalaa Garbaa malees namoonnii hedduun ammas mana hidhatti waan aragamaniif, baayyeen tana buuten isaanii dhabamuun fi ajjeeafamuun daran kan sodaachisuudha. Kaaan gadhiisaa kaan immoo bifa haarawan hidhuufi ajjeesun itti fufeera( fkn. Madda walabuu, Hammarreessaa, Waldiyaa fi kkf). Kunimmoo inumaa baayyee yaachisaa ta’eera. Dhimma haala yeroo irratti biiron dhimma alaa jarmanii baase http://www.auswaertiges-amt.de/de/newsroom/aa-aethiopien/160240 ( biyyoonni biro gara garaas kan akka siwidiin fi ameerikaa waan kanarratti waan jedhan qabu) Iyaannaan keenya sarbamiinsa mirga namummaa biyyaatti keessatti ta’aa jiru kan dhaabbanni mirga namoomaa bara 2018 baasees wabii godhateeti. Waan kana ta’eef, lammiileen baqatanii asii fi biyyoota Awurooppaa biroo keessa jiran bakka jiranitti mirga jiraachuu argachuu akka qabaniifi dararaaf hidhaarraa bilisaan akka jiraatan ammas irra deebinee kabajaan isin gaafanna. Haala qabatamaa cabiinsa mirga namumma itoophiyaa keessatti adeemaa jiru ilaalchisee gabaasni HRW bara 2017 baase isa asii gadii kana: https://reliefweb.int/report/ethiopia/world/-report-2018-ethiopia-events-2017

Orsak

orohttps://www.tagesanzeiger.ch/schweiz/standard/ausschaffen-um-jeden-preis/story/20929320

https://martinplaut.wordpress.com/2017/12/06/leaked-european-union-document-outlines-procedure-to-expel-ethiopians/

(https://epetitionen.bundestag.de/petitionen/_2018/_03/_11/Petition_77239.nc.html)

Tack för ditt stöd

Länk till petitionen

Bild med QR-kod

Avrivningslapp med QR-kod

ladda ner (PDF)

Information om petitionen

Petition gestartet: 2018-04-11
Petition endet: 2018-07-08
Region: Tyskland
Kategori : Migration

Denna petition har översatts till följande språk

Nyheter

  • Liebe Unterstützende,
    der Petent oder die Petentin hat innerhalb der letzten 12 Monate nach Ende der Unterschriftensammlung keine Neuigkeiten erstellt und den Status nicht geändert. openPetition geht davon aus, dass die Petition nicht eingereicht oder übergeben wurde.

    Wir bedanken uns herzlich für Ihr Engagement und die Unterstützung,
    Ihr openPetition-Team

Inga PRO-argument ännu.

Inga KONTRA-argument än.

Denna petition har översatts till följande språk

Bidra till att stärka medborgarnas delaktighet. Vi vill göra din oro hörd samtidigt som vi förblir oberoende.

Donera nu